Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Doqnummaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Doqnummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Innis, “Ilaalladhaa! Doqnummaa hunda irraas of eegaa; jireenyi nama tokkoo baayʼina qabeenya isaatiin hin murteeffamuutii” jedheen.
Maallaqa jaallachuun hidda hammina gosa hundumaatii. Namoonni tokko tokko akka malee maallaqa jaallachuun amantii irraa badanii dhiphina baayʼeen of waraananiiru.
Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, “Ani gonkumaa si hin dhiisu; gonkumaas si hin gatu” jedheeraatii.
“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
Nama maallaqa jaalatu kam iyyuu maallaqni isa hin gaʼu; nama qabeenya jaalatu illee galiin isaa isa hin quubsu. Kunis faayidaa hin qabu.
Namni wayitti gaggabu lola kakaasa; kan Waaqayyoon amanatu garuu ni badhaadha.
Warri sooromuu barbaadan garuu qorumsaa fi kiyyoo, hawwii gowwummaa fi miidhaa baayʼee fidu kan diigamaa fi badiisatti nama dhidhimsu keessatti kufu.
“Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.”