Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hinaaffaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Hinaaffaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yaaqoob 3:16

Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira.

02 Fakkeenya 14:30

Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna; hinaaffaan garuu lafee tortorsa.

03 Galaatiyaa 5:26

Kottaa of hin tuulluu; wal hin aarsinuu; walittis hin hinaafnuu.

04 1 Qorontos 13:4

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu.

05 1 Phexros 2:1

Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa.

06 Tiitoo 3:3

Nu mataan keenyas duraan warra gowwoota, warra hin ajajamne, warra gowwoomfamnee fi warra dharraa hamaa fi gammachuu gosa hundaatiif garboomfamne turre. Namootaan jibbamaa fi walis jibbaa, hamminaa fi hinaaffaan jiraachaa turre.

07 Faarfannaa 73:3

Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti, of tuultotatti hinaafeen tureetii.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban