Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Abdii Dhabuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Abdii Dhabuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 42:11

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

02 2 Qorontos 4:8-9

Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu; ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu.

03 Faarfannaa 34:18

Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.

04 Faaruu 3:21-23

Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha; kanaafuu ani abdii qaba. Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii. Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.

05 Faarfannaa 40:1-2

Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe; innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe. Inni boolla sodaachisaa keessaa, dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase; miilla koo kattaa irra dhaabe; ejjeta koos naa jabeesse.

06 Faarfannaa 27:13-14

Anis biyya jiraattotaa keessatti gaarummaa Waaqayyoo akkan argu amma iyyuu nan amana. Waaqayyoon eeggadhu; cimi; jabaadhus; Waaqayyoon eeggadhu.

07 Roomaa 8:38-39

Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

08 Faarfannaa 73:26

Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.

09 Miikiyaas 7:8

Yaa diina koo natti hin gammadin! Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa. Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu Waaqayyo ifa naaf taʼa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban