Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Sodaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Sodaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Isaayyaas 41:10

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

02 Faarfannaa 56:3

Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.

03 2 Xiimotewos 1:7

Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

04 Faarfannaa 27:1

Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa?

05 Iyyaasuu 1:9

Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”

06 Faarfannaa 23:4

Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.

07 Faarfannaa 34:4

Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase.

08 Keessa Deebii 31:6

Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu.”

09 Isaayyaas 43:1

Amma garuu yaa Yaaqoob, Waaqayyo inni si uume, yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha: “Ani si fureeraatii hin sodaatin; ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti.

10 1 Yohannis 4:18

Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.

11 Faarfannaa 118:6

Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa?

12 Roomaa 8:15

Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, “ Aabbaa, yaa Abbaa” jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.

13 Faarfannaa 46:1-2

Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha. Kanaafuu yoo lafti raafamtee tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.

14 Ibroota 13:6

Kanaaf nu ija jabinaan, “Gooftaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jenna.

15 Faarfannaa 91:1-2

Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota. Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban