Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Jajjabina
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Jajjabina dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.
Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
Warri gaddan eebbifamoo dha; jajjabina ni argatuutii.
Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana: Waadaan kee na jiraachisa.
Jajjabeessaa; saba koo jajjabeessaa; jedha Waaqni keessan.
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.
Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna;