Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kophummaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Kophummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu.”
Jireenya keessan jaalala maallaqaa irraa jabeessaa eeggadhaa; wanni qabdan isin haa gaʼu; Waaqni, “Ani gonkumaa si hin dhiisu; gonkumaas si hin gatu” jedheeraatii.
Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa; warra hidhamanis mana hidhaatii baasa; finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.
akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.”
Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee, Waaqayyo na simata.
Ani Waaqayyo Waaqni kee harka kee mirgaa nan qabaatii; inni, ‘Hin sodaatin; ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.
Hafuura kee biraa ani eessa dhaquun dandaʼa? Fuula kee duraas ani eessatti baqachuun dandaʼa? Yoo ani samiiwwanitti ol baʼe, ati achi jirta; yoo ani siree koo siiʼool keessa dhaabbadhes, achis ni jirta. Yoo ani qoochoo ganamaatiin barrisee qarqara galaanaa fagoo irra qubadhe, achittis harki kee karaa na argisiisa; harki kee mirgaas jabeessee na qaba.
Kunoo ani si wajjinan jira; lafa ati dhaqxu hundattis sin eega; gara biyya kanaattis deebisee sin fida. Ani hamman waanan waadaa siif gale sana siif guututti si hin dhiisu.”