Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yaaddoo

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Yaaddoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fiiliphisiyuus 4:6-7

Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa. Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

02 1 Phexros 5:7

Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.

03 Maatewos 6:25

“Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?

04 Faarfannaa 55:22

Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu; inni si jiraachisa; namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.

05 Yohannis 14:27

Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.

06 Faarfannaa 94:19

Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti, jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.

07 Fakkeenya 12:25

Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa; dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.

08 Isaayyaas 41:13

Ani Waaqayyo Waaqni kee harka kee mirgaa nan qabaatii; inni, ‘Hin sodaatin; ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.

09 2 Tasaloniiqee 3:16

Gooftaan nagaa mataan isaas yeroo hunda, karaa hundaan nagaa isinii haa kennu. Gooftaan hunduma keessan wajjin haa taʼu.

10 Faarfannaa 46:1

Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.

11 Maatewos 11:28-30

“Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa. Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha.”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban