Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gammachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Gammachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Nahimiyaa 8:10

Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; “Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Waaqayyoo jabina keessan taʼeef hin gaddinaa.”

02 Faarfannaa 16:11

Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta; gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.

03 Yohannis 15:11

Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera.

04 Fiiliphisiyuus 4:4

Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!

05 Galaatiyaa 5:22

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa,

06 Faarfannaa 30:5

Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; booʼichi galgala tokko qofaaf tura; ganama garuu ililleetu taʼa.

07 Roomaa 15:13

Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.

08 Yaaqoob 1:2-3

Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa; amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii.

09 Faarfannaa 126:5

Warri imimmaaniin facaasan, faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.

10 1 Phexros 1:8

Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu;

11 Isaayyaas 12:3

Isin burqaa fayyinaa keessaa gammachuudhaan bishaan waraabbattu.

12 Faarfannaa 32:11

Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; ililchaas; warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.

13 Anbaaqoom 3:18

ani garuu Waaqayyotti nan gammada; Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.

14 Roomaa 14:17

Mootummaan Waaqaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Hafuura Qulqulluun taʼeedha malee waaʼee nyaataa fi dhugaatii mitiitii.

15 1 Tasaloniiqee 5:16

Yeroo hunda gammadaa;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban