Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gadda
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Gadda dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.
Warri gaddan eebbifamoo dha; jajjabina ni argatuutii.
Yesuusis imimmaan dhangalaase.
Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.”
Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu.
Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; booʼichi galgala tokko qofaaf tura; ganama garuu ililleetu taʼa.
Inni nama biratti tuffatamee jibbame; inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha. Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii, inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
Yaa Waaqayyo, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi; iji koo gaddaan, lubbuun koo fi dhagni koo gaddaan dadhabaniiru.
Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.
Gadadamu koo galmeessi; imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi; isaan galmee kee keessa jiru mitii?
“Garaan keessan hin raafamin. Waaqatti amanaa; nattis amanaa.
akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee, qooda daaraa miidhagina, qooda booʼichaa, zayitii gammachuu, qooda abdii kutachuu immoo, wayyaa galataa kennuuf na erge. Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Waaqayyo, kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.
Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.