Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Nagaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Nagaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 14:27

Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.

02 Fiiliphisiyuus 4:7

Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

03 Isaayyaas 26:3

Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.

04 Roomaa 5:1

Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna.

05 Qolosaayis 3:15

Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.

06 Lakkoobsa 6:24-26

“ ‘ “ Waaqayyo si haa eebbisu; si haa eegus; Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu; garaa siif haa laafu. Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu; nagaas siif haa kennu.” ’

07 Isaayyaas 9:6

Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama.

08 Yohannis 16:33

“Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa.”

09 2 Tasaloniiqee 3:16

Gooftaan nagaa mataan isaas yeroo hunda, karaa hundaan nagaa isinii haa kennu. Gooftaan hunduma keessan wajjin haa taʼu.

10 Faarfannaa 29:11

Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna; Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.

11 Fiiliphisiyuus 4:9

Isin waan narraa barattan yookaan narraa argattan yookaan narraa dhageessan yookaan narratti argitan hunda isinis akkasuma godhaa. Waaqni nagaa isin wajjin ni taʼa.

12 Isaayyaas 32:17

Buʼaan qajeelummaa nagaa dha; faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha.

13 Efesoon 2:14

Kiristoos nagaa keenyaatii; innis dallaa diinummaa kan gargar baasu sana diigee jara lamaanuu tokko godheera;

14 Faarfannaa 4:8

Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas; yaa Waaqayyo si qofatu, sodaa malee na jiraachisaatii.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban