Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Nama Sodaachuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Nama Sodaachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa; kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.
“Kan isin jajjabeessu ana; anuma. Yoos maaliif namoota duʼa hin oolle, ilmaan namaa kanneen akkuma margaa taʼan sodaattu ree?
Ani amma nama biratti moo Waaqa biratti fudhatama argachuu yaalaan jira? Yookaan nama gammachiisuu nan yaalaa? Ani utuun hamma ammaatti nama gammachiisuu yaalee silaa tajaajilaa Kiristoos hin taʼu ture.
Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa?
Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
Qooda kanaa nu akka warra Waaqni wangeela imaanaa itti kennuuf qoratee fudhateetti dubbanna. Yaaliin keenyas Waaqa garaa keenya qoru sana gammachiisuuf malee nama gammachiisuuf miti.
Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu namaaf ajajamuu irra Waaqaaf ajajamuu qabna!