Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Namummaa Moofaa Baasuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Namummaa Moofaa Baasuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 4:22-24

Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.

02 Qolosaayis 3:9-10

Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu.

03 Roomaa 6:4

Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne.

04 Galaatiyaa 2:20

Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

05 2 Qorontos 5:17

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

06 Roomaa 6:6

Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna;

07 Roomaa 13:14

Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.

08 Qolosaayis 3:5

Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.

09 Qolosaayis 3:12

Kanaafuu isin akkuma warra Waaqaaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa.

10 Efesoon 4:25

Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu.

11 Galaatiyaa 5:24

Warri kan Kiristoos Yesuus taʼan immoo foon fedhii isaatii fi hawwii isaa wajjin fannisaniiru.

12 1 Phexros 2:1

Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa.

13 Roomaa 12:2

Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

14 Ibroota 12:1

Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;

15 Hisqiʼeel 36:26

Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban