Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Aarii

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Aarii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yaaqoob 1:19-20

Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu; aariin namaa qajeelummaa Waaqaa hin hojjetuutii.

02 Efesoon 4:26-27

“Aaraa malee cubbuu hin hojjetinaa;” utuma aartanii jirtaniis aduun hin lixin; diiyaabiloosiifis carraa hin kenninaa.

03 Fakkeenya 15:1

Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa; jechi hamaan garuu aarii kakaasa.

04 Fakkeenya 14:29

Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba; kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.

05 Qolosaayis 3:8

Amma garuu waan akkasii hunda: aarii, dheekkamsa, hamminaa fi maqaa nama balleessuu of irraa fageessaa; dubbiin gadheenis afaan keessanii hin baʼin.

06 Fakkeenya 16:32

Goota waraanaa irra nama obsa qabu, nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.

07 Fakkeenya 29:11

Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna; ogeessi garuu of qaba.

08 Lallaba 7:9

Hafuura keetiin aaruuf hin ariifatin; aariin bobaa gowwootaa keessa jiraatii.

09 Faarfannaa 37:8

Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi; hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.

10 Fakkeenya 19:11

Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.

11 Yaaqoob 4:1

Wanni lolaa fi walitti buʼuu isin gidduutti kaasu maali? Isaan hawwii isin keessatti wal lolan irraa dhufu mitii?

12 Roomaa 12:19

Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Waaqaatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, “Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa” jedha, jedhamee barreeffameeraatii.

13 Fakkeenya 22:24-25

Nama dafee aaru michuu hin godhatin; nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin; yoo kana goote karaa isaa baratta; ofii kees kiyyootti galchita.

14 Maatewos 5:22

Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda gahaannamtu isa eeggata.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban