Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qaanii

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Qaanii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 10:11

Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii.

02 Isaayyaas 61:7

Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu; qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu; kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu; gammachuun bara baraas kan keessan.

03 Faarfannaa 34:5

Warri gara isaa ilaalan ni ifu; fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.

04 Roomaa 8:1

Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru;

05 Isaayyaas 54:4

“Hin sodaatin; ati hin qaanoftuutii. Hin yaaddaʼin; ati hin salphattuutii; Qaanii ijoollummaa keetii ni dagatta; tuffii dhirsi kee sirraa duunaan sirra gaʼes siʼachi hin yaadattu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban