Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Lammiiwwan Samii

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Lammiiwwan Samii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fiiliphisiyuus 3:20

Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna;

02 Efesoon 2:19

Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti;

03 Ibroota 13:14

Nu magaalaa dhufuuf jirtu eegganna malee magaalaa bara baraa asii hin qabnuutii.

04 Qolosaayis 3:1-2

Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa. Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.

05 1 Phexros 2:11

Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa.

06 Ibroota 11:16

Qooda kanaa isaan biyya wayyu tokko jechuunis biyya samii irraa sana hawwaa turan. Kanaafuu Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu; inni magaalaa isaaniif qopheesseeraatii.

07 Qolosaayis 3:3

Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera.

08 2 Qorontos 5:1

Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna.

09 Yohannis 14:2-3

Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii. Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.

10 1 Phexros 1:4

akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera;

11 Ibroota 11:13

Namoonni kunneen hundinuu utuu waan waadaa galameef sana hin argatin amantii isaanii immoo utuu hin dhiisin duʼan. Waadaa sanas fagootti ilaalanii simatan. Isaanis lafa irratti akka keessummootaa fi godaantota turan beekaniiru.

12 Fiiliphisiyuus 3:14

badhaasa Waaqni Kiristoos Yesuusiin ol samiitti itti na waame sana argachuuf gara kaayyoo sanaatti nan fiiga.

13 Maatewos 6:20

Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.

14 Ibroota 12:22

Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban