Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Siʼachi Garboota Cubbuu Miti

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Siʼachi Garboota Cubbuu Miti dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 6:6

Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna;

02 Roomaa 6:18

Isin cubbuu irraa bilisoomtanii garboota qajeelummaa taataniirtu.

03 Yohannis 8:34

Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.

04 Galaatiyaa 5:1

Akka bilisummaan jiraannuuf Kiristoos bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.

05 Roomaa 8:2

seerri Hafuura jireenyaa karaa Kiristoos Yesuusiin seera cubbuutii fi seera duʼaa jalaa na bilisoomseeraatii.

06 Roomaa 6:7

namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.

07 Roomaa 6:22

Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti.

08 Yohannis 8:36

Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.

09 2 Qorontos 3:17

Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban