Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yaa Waaqayyo Na Qori

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Yaa Waaqayyo Na Qori dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 139:23

Yaa Waaqi, na sakattaʼi; garaa koos beeki; qoriitii na ilaali; yaada koos beeki.

02 Faarfannaa 139:24

Yoo karaan hamminaa na keessa jiraate mee ilaali; karaa bara baraa irras na adeemsisi.

03 Faarfannaa 19:12

Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa? Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.

04 Faarfannaa 51:10

Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.

05 Faarfannaa 26:2

Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; garaa koo fi qalbii koo qori;

06 Faarfannaa 7:9

Yaa Waaqa qajeelaa, kan yaadaa fi garaa namaa qortu, fincila hamootaa balleessi; qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.

07 Faarfannaa 17:3

Ati yoo garaa koo qorte, halkaniinis yoo na ilaalte, yoo na sakattaates, homaa narratti hin argattu; ani akka afaan koo cubbuu hin hojjenneef kutadheeraatii.

08 Ermiyaas 17:10

“Ani Waaqayyo nama hundaaf akkuma amala isaatti, akkuma waan hojii isaatiif maluutti gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa; qalbii isaas nan qora.”

09 1 Seenaa 28:9

“Yaa ilma koo Solomoon atis Waaqayyo Waaqa abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; Waaqayyo waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa.

10 Faarfannaa 44:21

silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee? Inni icciitii garaa namaa beekaatii.

11 Ibroota 4:12

Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban