Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Onnee Kee Eeggadhu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Onnee Kee Eeggadhu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 4:23

Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu; burqaan jireenyaa achii baʼaatii.

02 Fiiliphisiyuus 4:7

Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

03 Maatewos 12:34

Isin yaa ijoollee buutii nana, isin warri hamoon akkamitti waan gaarii dubbachuu dandeessu? Waan garaa guute afaan dubbataatii.

04 Fakkeenya 4:24-25

Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi; haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi. Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu; atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.

05 Faarfannaa 119:11

Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.

06 Fakkeenya 23:7

inni yeroo hunda waaʼee gatii yaadaatii. Inni, “Nyaadhuu dhugi” siin jedha; garaan isaa garuu si wajjin hin jiru.

07 Luqaas 6:45

Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.

08 Faarfannaa 51:10

Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.

09 Keessa Deebii 6:6

Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan.

10 Fakkeenya 4:21

Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin; garaa kee keessa ol kaaʼadhu;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban