Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Onnee Cabde

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Onnee Cabde dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 147:3

Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.

02 Faarfannaa 34:18

Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.

03 Faarfannaa 51:17

Aarsaan Waaqni fudhatu hafuura cabaa dha; Yaa Waaqi, ati garaa cabaa fi kan gaabbu hin tuffatu.

04 Isaayyaas 61:1

Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;

05 Maatewos 11:28

“Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa.

06 Faarfannaa 73:26

Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.

07 Faarfannaa 30:5

Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; booʼichi galgala tokko qofaaf tura; ganama garuu ililleetu taʼa.

08 Isaayyaas 57:15

Inni guddaanii fi ol ol jedhe, kan bara baraan jiraatuu fi kan maqaan isaa qulqulluu jedhamu sun akkana jedha: “Ani iddoo ol kaʼaa fi iddoo qulqulluu irra nan jiraadha; hafuura warra gad qabamanii bayyanachiisuuf, garaa warra gad of qabanii jajjabeessuuf garraamii fi kan hafuuraan gad qabame wajjinis nan jiraadha.

09 Faarfannaa 109:22

Ani hiyyeessaa fi rakkataadhaatii; garaan koos na keessatti madaaʼeera.

10 Faarfannaa 34:17

Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.

11 2 Qorontos 1:3-4

Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.

12 Faarfannaa 56:8

Gadadamu koo galmeessi; imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi; isaan galmee kee keessa jiru mitii?

13 Yohannis 16:22

Isinis akkasuma amma gadditaniirtu; ani garuu deebiʼeen isin ilaala; garaan keessanis ni gammada. Gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin irraa hin fudhatu.

14 Mulʼata 21:4

Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii.”

15 Faarfannaa 138:7

Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu, ati lubbuu koo ni eegda; aarii diina kootti harka kee ni diriirsita; harka kee mirgaatiinis na oolchita.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban