Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Wangeelaa fi Fayyina
Wangeelli oduu gaarii Waaqayyo cubbamoota ayyaanaan, karaa amantiin, hojii Kiristoos xumurame irratti hundaa'ee fayyisuu isaa ti. Ayyaana Waaqayyootiin karaa amantiitiin fayyifamtaniirtuutii; kunis kennaa Waaqayyoo ti. Caqasoonni kun fayyina dhaloota haaraa fi qalbii jijjiirrachuu irraa kaasee hamma qajeelfamuu fi ijoollummaa Waaqayyootti guddifamuutti hiiku.
Wangeelaa fi Ayyaana
Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.
inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;
“Hafuurri Gooftaa narra jira; akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman, akka warri jaaman argan, akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;
Inni garuu, “Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii” naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.
Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra.
isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.
innis bara dhufuuf jiru keessa badhaadhummaa ayyaana isaa kan gita hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Yesuusiin nuuf qabu argisiisuuf jedhee waan kana godhe.
Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii. Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa;
Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!
dubbiin kunis icciitii barootaa fi dhaloota jalaa dhokfamee turee dha; amma garuu qulqulloota isaatti mulʼifameera.
Fayyinaa fi Dhalachuu Haaraa
kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen.
Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti;
“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita. Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.
“Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.
Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;
Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii;
Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”
Inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera” jedhaatii. Kunoo yeroon fudhatama qabu amma; guyyaan fayyinaas amma.
Qalbii Jijjiirrannaa fi Dhiifama
Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa;
Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; balleessaa koos si hin dhokfanne. Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe; atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.
Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin garaa keessan tarsaasaa. Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa; inni arjaa fi gara laafessaatii; inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha; inni badiisa erguu irraa of qusata.
Waaqayyo akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.
Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.
Gaddi akka fedhii Waaqaatti taʼu qalbii jijjiirrannaa gara fayyinaatti nama geessu fida malee gaabbii hin fidu; gaddi akka fedhii addunyaatti taʼu garuu duʼa fida.
akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.
Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
“Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. Inni nu ciccireera; garuu nu fayyisa; inni nu madeesseera; garuu madaa keenya ni waldhaana.
Ani kaʼeen abbaa kootti deebiʼee akkana jedhaan; “Yaa abbaa ko, ani samii fi sitti cubbuu hojjedheera. Siʼachi ilma kee jedhamuun naaf hin malu; tajaajiltoota kee keessaa akka isa tokkootti na ilaali.” ’ Innis kaʼee gara abbaa isaa dhaqe. “Garuu utuu inni fagoo jiruu abbaan isaa isa argee akka malee garaa laafeef; gara ilma isaattis fiigee itti marmee dhungate.
Gammachuu fayyina keetii naa deebisi; na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.
Qajeelaa Taasifamuu, Ilmummaa fi Qajeelummaa
Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna.
Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.
kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf.
Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.
Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Waaqaa ti; Kiristoos wajjinis ni dhaalla.
Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.
Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru;
Taʼus nama hin hojjenne, kan Waaqa isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf.
kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.
Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, “ Aabbaa, yaa Abbaa” jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.
Warra Waaqni filate eenyutu himata? Kan qajeelaa nama taasisu Waaqa.
Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!