Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ayyaana Irratti Ayyaana

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Ayyaana Irratti Ayyaana dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 1:16

Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra.

02 Yohannis 1:14

Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.

03 Yohannis 1:17

Seerri karaa Museetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe.

04 Roomaa 5:20

Seerris akka cubbuun baayʼatuuf dhufe. Lafa cubbuun baayʼatetti garuu ayyaanni akka malee baayʼate;

05 2 Qorontos 9:8

Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Waaqni ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa.

06 2 Qorontos 12:9

Inni garuu, “Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii” naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.

07 Yaaqoob 4:6

Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma.

08 Efesoon 1:7

Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;

09 Efesoon 2:7

innis bara dhufuuf jiru keessa badhaadhummaa ayyaana isaa kan gita hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Yesuusiin nuuf qabu argisiisuuf jedhee waan kana godhe.

10 1 Phexros 5:10

Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.

11 Tiitoo 2:11

Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban