Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Sooruma Ayyaanaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Sooruma Ayyaanaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
innis bara dhufuuf jiru keessa badhaadhummaa ayyaana isaa kan gita hin qabne sana arjummaa karaa Kiristoos Yesuusiin nuuf qabu argisiisuuf jedhee waan kana godhe.
Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;
Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!
Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.
Badhaadhummaan ogummaatii fi beekumsa Waaqaa hammam gad fagaata! Murtiin isaa qoramee bira hin gaʼamu! Karaan isaas barbaadamee itti hin baʼamu!