Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Oduu Gaarii Hiyyeeyyiif

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Oduu Gaarii Hiyyeeyyiif dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Luqaas 4:18

“Hafuurri Gooftaa narra jira; akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman, akka warri jaaman argan, akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;

02 Isaayyaas 61:1

Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;

03 Maatewos 11:5

jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama.

04 Luqaas 6:20

Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe: “Isin warri hiyyeeyyiin eebbifamoo dha; mootummaan Waaqaa kan keessaniitii.

05 Yaaqoob 2:5

Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii?

06 Faarfannaa 34:6

Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe; rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.

07 Isaayyaas 61:1-2

Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera; akka ani bara tola Waaqayyootii fi guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf, akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf,

08 Faarfannaa 9:18

Rakkattoonni garuu yoom iyyuu hin irraanfataman; abdiin hiyyeeyyiis bara baraan hin badu.

09 Luqaas 1:53

Warra beelaʼan waan gaariidhaan quufseera; sooreyyii garuu harka duwwaa deebiseera.

10 Faarfannaa 113:7

Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;

11 1 Saamuʼeel 2:8

Inni hiyyeeyyii awwaara keessaa ni kaasa; rakkattootas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; inni ilmaan mootii wajjin isaan ni teessisa; barcuma ulfinaas isaan dhaalchisa. “Hundeewwan lafaa kan Waaqayyoo ti; inni hundeewwan sana irra addunyaa kaaʼeera.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban