Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kennaa Tola
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Kennaa Tola dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.
Kennaan tolaa sun garuu akka balleessaa sanaa miti. Erga sababii balleessaa nama tokkootiin namoonni baayʼeen duʼanii, ayyaanni Waaqaatii fi kennaan karaa ayyaana nama tokkootiin jechuunis kennaan karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe sun immoo hammam caalaa namootaaf haa baayʼatu ree!
Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti; akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
“Isin warri dheebottan hundinuu kottaa; gara bishaanii kottaa; isin warri maallaqa hin qabne, kottaatii bitadhaa; nyaadhaas! Kottaatii maallaqaa fi gatii malee daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa.
Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!
Kanaafuu akkuma balleessaan tokko nama hundatti yakka mursiise, akkasuma immoo hojiin qajeelummaa tokko nama hundaaf qajeelummaa jireenya fidu taʼe.
Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.
isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.
Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Waaqaaf haa taʼu!
Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
Phexros garuu akkana jedhee deebiseef; “Sababii ati kennaa Waaqaa waan horiin bitachuu dandeessu seeteef horiin kee suma wajjin haa badu!
Kennaan Waaqaa miidhaa cubbuun namni tokko hojjete fiduun tokko miti: Murtiin cubbuu tokkichaaf kenname yakkamtummaa fideera; kennaan tolaa kan balleessaa baayʼee irratti kenname garuu qajeelummaa fide.