Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Wangeela
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Wangeela dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.
Anis waanan fudhadhe duraan dursee dabarseen isinitti kenneeraatii; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf jedhee duʼe; ni awwaalames; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti guyyaa sadaffaatti duʼaa kaafame.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis wangeela lallabaa.
Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, “Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!” jedhamee barreeffamee dha.
amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus isa karaa wangeelaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.
Dubbiin fannoo warra baduuf jiraniif gowwummaadhaatii; nu warra fayyinuuf garuu humna Waaqaa ti.
Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu!
Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhamee barreeffamee dha.