Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qajeelaa Taʼanii Herregamuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Qajeelaa Taʼanii Herregamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 4:5

Taʼus nama hin hojjenne, kan Waaqa isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf.

02 Roomaa 4:3

Katabbiin Qulqulluun maal jedha? “Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”

03 Uumama 15:6

Abraam Waaqayyotti amane; innis qajeelummaatti lakkaaʼeef.

04 Galaatiyaa 3:6

Akkasumas Abrahaam, “Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”

05 Roomaa 4:22-24

Kanaafuu, “Amantiin isaa qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame.” Dubbiin, “Qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame” jedhu kun Abrahaam qofaaf hin barreeffamne; nuufis, warra Waaqa Gooftaa keenya Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sanatti amannuufis, qajeelummaatti ni lakkaaʼama.

06 Roomaa 4:9

Eebbi kun warra dhagna qabatan qofaaf moo warra dhagna hin qabatiniifis? Abrahaamiif amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼame jenneerraatii.

07 Roomaa 4:6

Daawitis akka namni Waaqni qajeelummaa hojii malee argamu lakkaaʼuuf eebbifamaa taʼe yommuu dubbatu akkana jedha:

08 Faarfannaa 32:2

Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne, kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre, eebbifamaa dha.

09 Yaaqoob 2:23

Kanaanis wanni katabbii qulqulluu keessatti, “Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef” jedhu ni raawwatame; innis michuu Waaqaa jedhame.

10 Roomaa 4:11

Inni mallattoo dhagna qabaa fudhate; kunis chaappaa qajeelummaa inni utuu dhagna hin qabatin dura amantiin argate sanaa ti. Kanaafis inni warra utuu dhagna hin qabatin amanan kanneen amantiin isaanii qajeelummaatti lakkaaʼameef hundaaf abbaa dha.

11 Fiiliphisiyuus 3:9

kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.

12 2 Qorontos 5:21

Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban