Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qajeelaa Taasifamuu, Ilmummaa fi Qajeelummaa

Kiristoos keessatti warri yakkaman qajeeltota jedhamanii labsamu; warri fagaatanis akka ijoollee Waaqayyootti simatamu. Kanaafuu warra Kiristoos Yesuus keessa jiraniif amma murtiin balleessuu hin jiru. Caqasoonni kun sadarkaa qajeelaa fi maatii keessa taʼuu isa ayyaanni qofti mirkaneessu keessa boqotu.

Amantiidhaan Qajeelaa Taʼuu — Roomaa 5:1

Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna.

Qajeelaa Taasifamuu — 2 Qorontos 5:21

Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

Ilmummaan Fudhatamuu — Galaatiyaa 4:5

kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf.

Ijoollee Waaqayyoo — Yohannis 1:12

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.

Kiristoos Wajjin Dhaaltota — Roomaa 8:17

Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Waaqaa ti; Kiristoos wajjinis ni dhaalla.

Amantii Qofa — Roomaa 3:28

Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.

Itti Muramuun Hin Jiru — Roomaa 8:1

Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru;

Qajeelaa Taʼanii Herregamuu — Roomaa 4:5

Taʼus nama hin hojjenne, kan Waaqa isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf.

Qajeelummaa Waaqayyoo — Fiiliphisiyuus 3:9

kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.

Aabbaa, Abbaa — Roomaa 8:15

Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, “ Aabbaa, yaa Abbaa” jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne.

Yakka Malee Taʼuun Labsamuu — Roomaa 8:33

Warra Waaqni filate eenyutu himata? Kan qajeelaa nama taasisu Waaqa.

Kennaa Qajeelummaa — Roomaa 5:17

Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!