Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kennaa Qajeelummaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Kennaa Qajeelummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 5:17

Erga sababii balleessaa nama tokkootiin karaa namicha sanaatiin duuti moʼee, warri ayyaana baayʼatee irraa hafaa taʼee fi kennaa qajeeltota nama taasisu argatan immoo karaa nama tokkoo karaa Yesuus Kiristoosiitiin hammam caalaa jireenyaan hin moʼan ree!

02 Roomaa 5:18

Kanaafuu akkuma balleessaan tokko nama hundatti yakka mursiise, akkasuma immoo hojiin qajeelummaa tokko nama hundaaf qajeelummaa jireenya fidu taʼe.

03 Roomaa 3:24

isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.

04 Roomaa 6:23

Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.

05 2 Qorontos 5:21

Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

06 Roomaa 5:21

kunis akkuma cubbuun karaa duʼaatiin moʼe sana ayyaannis karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiitiin akka jireenya bara baraa fiduuf karaa qajeelinaatiin akka moʼuuf.

07 Fiiliphisiyuus 3:9

kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.

08 Isaayyaas 61:10

Ani Waaqayyo itti guddaa nan gammada; lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi. Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu, misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana, wayyaa fayyinaa natti uffiseera uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.

09 Roomaa 4:6

Daawitis akka namni Waaqni qajeelummaa hojii malee argamu lakkaaʼuuf eebbifamaa taʼe yommuu dubbatu akkana jedha:

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban