Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amantii Qofa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Amantii Qofa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 3:28

Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.

02 Efesoon 2:8-9

Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti; akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.

03 Galaatiyaa 2:16

namni Yesuus Kiristoositti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Kiristoos irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.

04 Roomaa 4:5

Taʼus nama hin hojjenne, kan Waaqa isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf.

05 Tiitoo 3:5

inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;

06 Roomaa 3:22

Qajeelummaan Waaqaa kun amantiidhaan warra Yesuus Kiristoositti amanan hundaaf kennama; nama wal caalchisuun hin jiru;

07 Galaatiyaa 3:11

Waan, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraatuuf” akka eenyu iyyuu fuula Waaqaa duratti seeraan qajeelaa hin taasifamne ifa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban