Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amantiidhaan Qajeelaa Taʼuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Amantiidhaan Qajeelaa Taʼuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 5:1

Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna.

02 Roomaa 3:24

isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.

03 Galaatiyaa 2:16

namni Yesuus Kiristoositti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Kiristoos irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.

04 Roomaa 4:5

Taʼus nama hin hojjenne, kan Waaqa isa nama hamaa qajeelaa taasisu amanatu garuu amantiin isaa qajeelummaatti lakkaaʼamaaf.

05 Tiitoo 3:7

kunis akka nu ayyaana isaatiin qajeeltota taasifamnee abdii jireenya bara baraa qabaachuun dhaaltota taanuuf.

06 Galaatiyaa 3:11

Waan, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraatuuf” akka eenyu iyyuu fuula Waaqaa duratti seeraan qajeelaa hin taasifamne ifa.

07 Roomaa 4:25

Yesuus cubbuu keenyaaf dabarfamee duʼatti kenname; qajeeltota nu taasisuuf immoo duʼaa kaafame.

08 Hojii 13:39

Namni amanu hundinuu waan seera Museetiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Yesuusiitiin furamuu ni dandaʼa.

09 Roomaa 3:28

Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.

10 Roomaa 5:9

Egaa nu amma erga dhiiga isaatiin qajeeltota taasifamnee, akkam karuma isaatiin dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baane ree!

11 Anbaaqoom 2:4

“Kunoo inni of bokokseera; hawwiin isaas sirrii miti; namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;

12 Roomaa 10:10

Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.

13 Fiiliphisiyuus 3:9

kunis qajeelummaa mataa koo kan seera eeguun argamu utuu hin taʼin qajeelummaa Kiristoositti amanuun argamu jechuunis akka ani qajeelummaa Waaqa biraa amantiidhaan dhufu qabaadhee isa keessa jiraadhuuf.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban