Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ijoollee Waaqayyoo
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Ijoollee Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.
Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.
Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.
Hundi keessan amantii Kiristoos Yesuusitti qabdaniin ijoollee Waaqaa ti;
Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii.
Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Waaqaa ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.
kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Waaqaa warra yakka hin qabnes taataniif,
kunis ijoollee Waaqaa kanneen bittinnaaʼan walitti qabee tokko gochuuf malee saba sana qofaaf miti.