Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Fayyinaa fi Dhalachuu Haaraa

Fayyinni jalqabaa hamma dhumaatti hojii Waaqayyoo ti — inni dhaloota haaraa kenna, uumama haaraa nu godha, jireenya bara baraas nuuf kenna. Namni isatti amanu kam iyyuu jireenya bara baraa qabaata malee hin baduu. Caqasoonni kun fayyifamuu fi haaromfamuun maal akka j'edhu hiiku.

Fayyina — Roomaa 10:9

kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.

Lammata Dhalachuu — Yohannis 3:3

Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen.

Uumama Haaraa — 2 Qorontos 5:17

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

Jireenya Bara Baraa — Yohannis 3:16

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Amantii Fayyisu — Efesoon 2:8

Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti;

Duʼa Irraa Gara Jireenyaatti — Yohannis 5:24

“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.

Amananii Dhugaa Baʼuu — Roomaa 10:9-10

kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita. Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.

Namni Waamu Hundi — Roomaa 10:13

“Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”

Karra Dhiphaa — Maatewos 7:13-14

“Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.

Abdii Jiraataa — 1 Phexros 1:3

Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;

Dukkana Irraa Baraaramuu — Qolosaayis 1:13

Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii;

Namni Amanu Hundi — Yohannis 3:36

Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”

Guyyaan Isaa Har'a — 2 Qorontos 6:2

Inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera” jedhaatii. Kunoo yeroon fudhatama qabu amma; guyyaan fayyinaas amma.