Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amantii Fayyisu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Amantii Fayyisu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 2:8

Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti;

02 Roomaa 10:17

Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.

03 Ibroota 11:1

Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.

04 Roomaa 5:1

Kanaafuu amantiidhaan qajeeltota erga taasifamnee nu karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa wajjin nagaa qabna.

05 Galaatiyaa 2:20

Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

06 Yohannis 3:16

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

07 Yohannis 1:12

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.

08 Maarqos 16:16

Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.

09 Hojii 16:31

Isaanis deebisanii, “Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii” jedhan.

10 Yaaqoob 2:17

Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.

11 Ibroota 11:6

Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban