Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amananii Dhugaa Baʼuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Amananii Dhugaa Baʼuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 10:9-10

kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita. Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.

02 Roomaa 10:13

“Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii.”

03 Maatewos 10:32

“Kanaafuu nama fuula namootaa duratti dhugaa naa baʼu kamiif iyyuu, anis fuula Abbaa koo isa samii irraa duratti dhugaa nan baʼa.

04 1 Yohannis 4:15

Yoo namni kam iyyuu Yesuus Ilma Waaqaa akka taʼe dhugaa baʼe, Waaqni isa keessa jiraata; innis Waaqa keessa jiraata.

05 Hojii 16:31

Isaanis deebisanii, “Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii” jedhan.

06 Roomaa 10:11

Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban