Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Duʼa Irraa Gara Jireenyaatti
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Duʼa Irraa Gara Jireenyaatti dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
Yeroo isin cubbuu keessanii fi foon keessan kan dhagna hin qabamin sanaan duutanii turtanitti Waaqni Kiristoos wajjin jiraattota isin taasise. Cubbuu keenya hundas nuu dhiise;
Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata.
Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa.
Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?”
Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne.
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.
Isin irra daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin duutanii turtan;
Hafuurri Waaqaa inni Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun yoo isin keessa jiraate garuu, inni Kiristoos Yesuusin warra duʼan keessaa kaase sun karaa Hafuura isaa kan isin keessa jiruutiin dhagna keessan isa duʼuufis jireenya kenna.