Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Fayyina
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Fayyina dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.
Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii.
Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii.
Inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera” jedhaatii. Kunoo yeroon fudhatama qabu amma; guyyaan fayyinaas amma.
Waaqni akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada.