Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Karra Dhiphaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Karra Dhiphaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Maatewos 7:13-14

“Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.

02 Luqaas 13:24

“Balbala dhiphaadhaan seenuuf tattaaffadhaa; ani isinittin hima; namoonni baayʼeen seenuu ni yaaluutii; garuu hin dandaʼan.

03 Yohannis 14:6

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.

04 Maatewos 7:21

“Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu.

05 Fakkeenya 14:12

Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.

06 Luqaas 13:23-24

Namichi tokkos, “Yaa Gooftaa warri fayyifaman namoota muraasa qofaa?” jedhee isa gaafate. Innis akkana isaaniin jedhe; “Balbala dhiphaadhaan seenuuf tattaaffadhaa; ani isinittin hima; namoonni baayʼeen seenuu ni yaaluutii; garuu hin dandaʼan.

07 Yohannis 10:9

Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata.

08 Hojii 4:12

Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”

09 Maatewos 16:24

Ergasii Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu. Fannoo ofii isaa baadhatees na duukaa haa buʼu.

10 Luqaas 9:23

Ergasii inni hunduma isaaniitiin akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa guyyuma guyyaan baadhatees na duukaa haa buʼu.

11 Maatewos 7:22-23

Guyyaa sana namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra mitii? Maqaa keetiin dinqii hedduu hojjenneerra mitii?’ naan jedhu. Ani immoo, ‘Narraa fagaadhaa! Isin warra hammina hojjettan, ani gonkumaa isin hin beekne’ jedhee ifaan ifatti isaanitti nan hima.

12 Ibroota 12:14

Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.

13 2 Phexros 1:10

Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan;

14 Yohannis 10:7

Kanaafuu Yesuus ammas akkana jedheen; “Dhuguman, dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban