Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Namni Amanu Hundi
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Namni Amanu Hundi dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
Isaanis deebisanii, “Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii” jedhan.
Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.
Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?”
“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.
Namni amanu hundinuu waan seera Museetiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Yesuusiitiin furamuu ni dandaʼa.
Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii.
Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.