Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Akkuma Baʼaa Fageenya
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Akkuma Baʼaa Fageenya dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.
Ati deebitee garaa nuu laafta; cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.
“Kan ofii kootiif jedhee yakka kee sirraa haqee cubbuu kees deebiʼee hin yaadanne, ani anuma.
Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif. Ati jaalala keetiin boolla badiisaa irraa na eegde; cubbuu koo hundas, dugda kee duubatti gatte.
Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘ Waaqayyoon beeki’ jedhee ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu” jedha Waaqayyo. “Ani yakka isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu.
Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee, yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa? Garuu dhiifamni si bira jira; kanaaf ati ni sodaatamta.
Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”