Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Cubbuu Himachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Cubbuu Himachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 32:5

Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe; balleessaa koos si hin dhokfanne. Anis, “Irra daddarba koo, Waaqayyootti nan himadha” nan jedhe; atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.

02 1 Yohannis 1:9

Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.

03 Fakkeenya 28:13

Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu; kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.

04 Yaaqoob 5:16

Kanaafuu akka fayyitaniif cubbuu keessan walitti himadhaatii walii kadhadhaa. Kadhannaan nama qajeelaa humna qaba; waan guddaas ni hojjeta.

05 Faarfannaa 38:18

Ani balleessaa koo nan himadha; sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.

06 Roomaa 10:9-10

kunis yoo ati, “Yesuus Gooftaa dha” jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita. Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.

07 1 Yohannis 1:8

Nu yoo cubbuu hin qabnu jenne of gowwoomsina; dhugaanis nu keessa hin jiru.

08 Hooseʼaa 14:2

Dubbicha fudhadhuutii gara Waaqayyoo deebiʼi. Akkanas jedhiin: “Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, arjummaadhaan nu simadhu.

09 Daaniʼel 9:5

nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. Nu jalʼoota turre; fincilleerras; ajajaa fi seera kee irraa garagalleerra.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban