Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhiifama Cubbuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Dhiifama Cubbuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Yohannis 1:9

Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.

02 Efesoon 1:7

Nus isumaan akkuma badhaadhummaa ayyaana Waaqaatti dhiiga isaatiin furama jechuunis, dhiifama cubbuu arganneerra;

03 Qolosaayis 1:14

nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.

04 Hojii 10:43

Raajonni hundinuu akka namni isatti amanu hundi maqaa isaatiin dhiifama cubbuu argatu waaʼee isaa dhugaa baʼu.”

05 Miikiyaas 7:18-19

Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu. Ati deebitee garaa nuu laafta; cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.

06 Faarfannaa 103:12

akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.

07 Isaayyaas 1:18

Waaqayyo akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.

08 Qolosaayis 2:13-14

Yeroo isin cubbuu keessanii fi foon keessan kan dhagna hin qabamin sanaan duutanii turtanitti Waaqni Kiristoos wajjin jiraattota isin taasise. Cubbuu keenya hundas nuu dhiise; innis himata idaa keenya kan seeraa kan nuun mormuu fi nutti muru sana haqee mismaaraan fannootti diree dhabamsiise.

09 Ibroota 8:12

Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”

10 Roomaa 4:7-8

“Warri yakki isaanii dhiifameef, kanneen cubbuun isaanii haguugameef eebbifamoo dha. Namni Gooftaan cubbuu isaa itti hin lakkoofne eebbifamaa dha.”

11 Luqaas 24:47

maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’

12 Faarfannaa 32:1

Namni yakki isaa dhiifameef, kan cubbuun isaas haguugameef, eebbifamaa dha.

13 Maatewos 26:28

Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.

14 Ibroota 10:17-18

Ammas, “Ani cubbuu fi yakka isaanii siʼachi hin yaadadhu” jedha. Iddoo isaan kunneen itti dhiifama argatanitti siʼachi sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuu hin barbaachisu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban