Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Cubbuun Deebiʼee Hin Yaadatamu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Cubbuun Deebiʼee Hin Yaadatamu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ibroota 8:12

Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”

02 Isaayyaas 43:25

“Kan ofii kootiif jedhee yakka kee sirraa haqee cubbuu kees deebiʼee hin yaadanne, ani anuma.

03 Ermiyaas 31:34

Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘ Waaqayyoon beeki’ jedhee ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu” jedha Waaqayyo. “Ani yakka isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”

04 Ibroota 10:17

Ammas, “Ani cubbuu fi yakka isaanii siʼachi hin yaadadhu” jedha.

05 Miikiyaas 7:19

Ati deebitee garaa nuu laafta; cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.

06 Faarfannaa 103:12

akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu, akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.

07 Ibroota 10:18

Iddoo isaan kunneen itti dhiifama argatanitti siʼachi sababii cubbuutiif aarsaa dhiʼeessuu hin barbaachisu.

08 Isaayyaas 38:17

Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif. Ati jaalala keetiin boolla badiisaa irraa na eegde; cubbuu koo hundas, dugda kee duubatti gatte.

09 Miikiyaas 7:18

Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu.

10 Roomaa 4:8

Namni Gooftaan cubbuu isaa itti hin lakkoofne eebbifamaa dha.”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban