Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gara Waaqayyootti Deebiʼuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Gara Waaqayyootti Deebiʼuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yooʼeel 2:13

Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin garaa keessan tarsaasaa. Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa; inni arjaa fi gara laafessaatii; inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha; inni badiisa erguu irraa of qusata.

02 Hojii 3:19

Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa;

03 Isaayyaas 55:7

Namni hamaan karaa isaa, namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu. Inni gara Waaqayyootti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf; gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.

04 Hisqiʼeel 18:30-32

“Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan. Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu? Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!

05 Yaaqoob 4:8

Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.

06 Faaruu 3:40

Kottaa nu daandii keenya qorree haa ilaallu; gara Waaqayyoottis haa deebinu.

07 Hooseʼaa 14:1-2

Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi. Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii! Dubbicha fudhadhuutii gara Waaqayyoo deebiʼi. Akkanas jedhiin: “Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, arjummaadhaan nu simadhu.

08 2 Seenaa 7:14

yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na kadhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani samii irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.

09 Hojii 26:18

Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’

10 1 Tasaloniiqee 1:9

isin simannaa akkamii akka nuu gootan isaanuu ni dubbatuutii. Isaan akkamitti akka isin Waaqa jiraataa fi Waaqa dhugaa tajaajiluuf jettanii waaqota tolfamoo irraa gara Waaqaatti deebitanis ni himu;

11 Ermiyaas 24:7

Ani akka isaan akka ani Waaqayyo isaanii taʼe beekaniif qalbii nan kennaaf. Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa; isaan garaa guutuudhaan gara kootti ni deebiʼuutii.

12 Zakkaariyaas 1:3

Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Gara kootti deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘Anis gara keessanitti nan deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.

13 Keessa Deebii 4:29

Garuu yoo achittis Waaqayyo Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban