Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qulqulleeffamuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Qulqulleeffamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqayyo akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.
Garuu akkuma inni ifa keessa jiru sana, nus yoo ifa keessa deddeebine walii wajjin tokkummaa qabna; dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa.
Hiisophiidhaan cubbuu irraa na qulqulleessi; anis nan qulqullaaʼa; na dhiqi; anis cabbii caalaatti nan addaadha.
Ani bishaan qulqulluu isinitti nan facaasa; isinis ni qulqullooftu; ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa fi waaqota keessan tolfamoo hunda irraa isinan qulqulleessa.
yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!
innis hammina hunda irraa nu furuu fi saba ofii isaa warra waan gaarii hojjechuuf hinaafan ofiif qulqulleeffachuuf jedhee of dabarsee nuuf kenneera.
Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.
Yakka koo hundumaa narraa dhiqi; cubbuu koo irraas na qulqulleessi.