Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Icciitii Wangeelaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Icciitii Wangeelaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Qolosaayis 1:26

dubbiin kunis icciitii barootaa fi dhaloota jalaa dhokfamee turee dha; amma garuu qulqulloota isaatti mulʼifameera.

02 Qolosaayis 1:27

Waaqni badhaadhummaan ulfina icciitii kanaa hammam guddaa akka taʼe Namoota Ormaa gidduutti qulqulloota isaatti beeksisuu filateera; icciitiin kunis Kiristoos, abdii ulfinaa isa isin keessa jiruu dha.

03 Efesoon 3:6

Icciitiin kunis Namoonni Ormaa karaa wangeelaatiin saba Israaʼel wajjin dhaaltota, isaanuma wajjin dhagna tokko, waadaa Kiristoos Yesuusiin kenname keessatti immoo hirmaattota taʼuu isaanii ti.

04 Efesoon 1:9

Innis akka nu icciitii fedhii isaa kan akka yaada isaa isa gaarii inni karaa Kiristoosiin karoorfate sana beeknu godhe;

05 1 Xiimotewos 3:16

Waaqatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis, Inni fooniin mulʼate; Hafuuraan mirkaneeffame; ergamoota Waaqaatu isa arge; saboota keessatti lallabame; addunyaa irratti itti amaname; ulfinaan ol fudhatame.

06 Efesoon 3:9

akkasumas icciitiin bara dheeraaf Waaqa waan hunda uumeen dhokfamee ture kun maal akka taʼe ani namoota hundaaf akka ibsuuf.

07 1 Qorontos 2:7

Garuu nu ogummaa Waaqaa, ogummaa dhokfamee ture, isa Waaqni uumama addunyaatiin dura ulfina keenyaaf jedhee murteesse sanaa icciitiidhaan dubbanna.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban