Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gammachuu Deebisi

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Gammachuu Deebisi dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 51:12

Gammachuu fayyina keetii naa deebisi; na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.

02 Faarfannaa 51:10

Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi; Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.

03 Faarfannaa 30:5

Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; booʼichi galgala tokko qofaaf tura; ganama garuu ililleetu taʼa.

04 Faarfannaa 32:1-2

Namni yakki isaa dhiifameef, kan cubbuun isaas haguugameef, eebbifamaa dha. Namni Waaqayyo cubbuu itti hin lakkoofne, kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre, eebbifamaa dha.

05 Isaayyaas 61:3

akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee, qooda daaraa miidhagina, qooda booʼichaa, zayitii gammachuu, qooda abdii kutachuu immoo, wayyaa galataa kennuuf na erge. Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Waaqayyo, kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.

06 Faarfannaa 51:8

Gammachuu fi ilillee na dhageessisi; lafeen ati caccabsites haa ililchu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban