Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Yaaddoo Keessan Irratti Gataa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Yaaddoo Keessan Irratti Gataa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Phexros 5:7

Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hunda isa irra kaaʼadhaa.

02 Fiiliphisiyuus 4:6-7

Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa. Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

03 Faarfannaa 55:22

Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu; inni si jiraachisa; namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.

04 Maatewos 11:28-30

“Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa. Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha.”

05 Faarfannaa 56:3

Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.

06 Faarfannaa 37:5

Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa.

07 Maatewos 6:25

“Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?

08 Faarfannaa 62:8

Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa; garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa; Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.

09 Fakkeenya 3:5-6

Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.

10 Faarfannaa 94:19

Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti, jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.

11 Isaayyaas 26:3

Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.

12 Faarfannaa 42:5

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu; ani amma iyyuu isa nan jajadha. Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

13 Yohannis 14:27

Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban