Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Rakkina
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Rakkina dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida.
Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha; Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
Waaqni warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna.
Nu karaa hundaan ni dhiibamna; garuu hin caccabnu; ni burjaajofna; garuu abdii hin kutannu; ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; lafaan dhaʼamna, garuu hin badnu.
Akka ani sirna kee baradhuuf, rakkachuun koo anaaf gaarii ture.
Rakkina koo keessatti jajjabinni koo kana: Waadaan kee na jiraachisa.
Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.
Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Ani utuun hin rakkatin karaa irraa badee ture; amma garuu dubbii kee nan eega.
Inni gadda fidu illee garaa ni laafa; jaalalli isaa kan hin geeddaramne sun guddaadhaatii. Inni itti yaadee rakkina yookaan dhiphina sanyii namaatti hin fiduutii.
“Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha; kanaafuu ati adabbii Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin.
Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;