Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qorumsa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Qorumsa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa; amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii.
Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan. Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe.
Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Waaqnis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.
Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.
Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.
Yaa michoota jaallatamoo, qorama akka ibiddaa kan amma ittiin dhiphachaa jirtan kana akka waan wanni haaraan isinitti dhufeetti hin dinqisiifatinaa.
Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida.
“Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa.”
Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta.