Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhukkuba

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Dhukkuba dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yaaqoob 5:14-15

Isin keessaa namni dhukkubsatu jiraa? Inni jaarsolii waldaa kiristaanaa haa waamsifatu; isaanis maqaa Gooftaatiin zayitii isa dibanii haa kadhataniif. Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf.

02 Faarfannaa 41:3

Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.

03 Maatewos 8:16-17

Galgala sanas namoota hafuurota hamoon qabaman hedduu gara isaa fidan; innis jecha tokkoon hafuurota sana baase; dhukkubsattoota hundumaa ni fayyise. Kunis akka dubbiin karaa Isaayyaas raajichaatiin, “Inni dhibee keenya nurraa fuudhe; dhukkuba keenyas ni baate” jedhame sun raawwatamuuf taʼe.

04 Isaayyaas 53:4

Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate; gadda keenyas baate; nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti, akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.

05 Faarfannaa 103:2-3

Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi; tola isaa hundas hin irraanfatin. Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa; dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;

06 Faarfannaa 38:9

Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha; argansuun koo si duraa hin dhokatu.

07 Maarqos 2:17

Yesuus immoo waan kana dhageenyaan, “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne” jedheen.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban